-
Abbootii Murtii 6:36, 37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Achiis Giidewon Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Akkuma waadaa galtetti,+ karaa kootiin Israaʼeliin ni oolchita yoo taʼe, 37 kunoo ani rifeensa hoolaa oobdii keessa si dura afeera. Lafti naannoo isaatti argamu goggogaa taʼee rifeensichi qofti fixeensa yoo qabaate, ati akkuma waadaa galtetti karaa koo Israaʼeliin akka oolchitu kanaan nan beeka.”
-
-
Isaayyaas 38:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha:+ 8 Gaaddidduun kortoo* Akaaz irra gad buʼaa jiru tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu nan godha.”’”+ Kanaafuu, gaaddidduun kortoo sana irra gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti ni deebiʼe.
-