LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 29:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Jalʼinni keessan akkam guddaa dha!

      Suphe dhooftuun akkuma supheetti ilaalamuu qabaa?+

      Wanti tolfame tokko waaʼee isa isa tolche sanaa,

      “Inni na hin tolchine” jechuu qabaa?+

      Wanti bocame tokko waaʼee isa isa boce sanaa,

      “Inni hubannaa hin qabu” ni jedhaa?+

  • Isaayyaas 45:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Isa Uumaa isaa* morkatuuf* wayyoo!

      Sababiin isaas, inni qiraacii,

      Qiraaciiwwan caccaboo lafa irratti gataman kaan gidduu jiru dha.

      Supheen Suphe Dhooftuudhaan,* “Maal tolchaa jirta?” jechuu qabaa?+

      Yookiin wanti ati tolchite, “Inni harka hin qabu” jechuu qabaa?*

  • Ermiyaas 18:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “‘Yaa mana Israaʼel, akkuma suphe dhooftuun kun godhetti ani isin irratti gochuu hin dandaʼuu?’ jedha Yihowaan. ‘Yaa mana Israaʼel, kunoo akkuma suphee harka suphe dhooftuu keessa jiruutti, isinis harka koo keessa jirtu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi