18 “Garuu Waaqni dhuguma ilmaan namootaa wajjin lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+
24 Waaqni inni addunyaa fi wantoota isa keessa jiran hunda uume, inni Gooftaa samii fi lafaa taʼe,+ manneen qulqullummaa harka namaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu;+