LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:27-30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “Garuu Waaqni dhuguma lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 28 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhageessisuu fi kadhannaa harʼa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 29 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, halkanii fi guyyaa ijji kee gara bakka ati, ‘Maqaan koo achi ni taʼa’+ jette kanaatti kan baname haa taʼu.+ 30 Kadhannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi; samii isa bakka jireenyaa kee taʼe keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+

  • Isaayyaas 66:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 66 Yihowaan akkana jedha:

      “Samiiwwan teessoo koo ti, laftis ejjeta miila kootii ti.+

      Maarree, manni isin naaf ijaaruu dandeessan,+

      Bakki ani itti boqodhus kan akkamii ti?”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi