-
2 Seenaa Baraa 2:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Isaaf mana ijaaruu kan dandaʼu eenyu? Samiin, samiin samiiwwaniis isa baachuu hin dandaʼan;+ maarree bakka aarsaawwan aarfaman isa duratti itti dhihaatan hojjechuudhaan alatti mana isaaf ijaaruuf ani eenyu?
-
-
2 Seenaa Baraa 6:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Garuu Waaqni dhuguma ilmaan namootaa wajjin lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 19 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi kadhannaa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 20 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, guyyaa fi halkan ijji kee gara mana bakka maqaan kee ittiin waamamu+ akka taʼu dubbatte kanaatti kan baname haa taʼu. 21 Wawwaannaa tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi;+ bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+
-