-
Hisqiʼel 27:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘“Ati qabeenya hedduu waan qabduuf Tarshiish+ sii wajjin daldaluu jalqabdeetti.+ Isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi sibiila irsaasiitiin shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+ 13 Yaawaan, Tuubaalii+ fi Meesheek+ sii wajjin bittaa fi gurgurtaa raawwataniiru; garbootaa fi meeshaawwan sibiila diimaatiin shaqaxa kee jijjiirrataniiru.+
-