LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 25:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, waggaan 70ni kun yommuu xumuramutti+ ani mootii Baabilonii fi saba sana balleessaa isaaniitiif nan adaba;+ biyyi Kaladootaas yeroo hundumaatiif ona akka taatu nan godha.+

  • Ermiyaas 50:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 50 Dubbiin Yihowaan Baabilon+ ishii biyya Kaladootaa taate ilaalchisee karaa Ermiyaas raajichaa dubbate isa kana:

       2 “Saboota gidduutti kana labsaa, beeksisaas.

      Mallattoo* dhaabaa, kana beeksisaa.

      Wanta tokko iyyuu hin dhoksinaa!

      Akkana jedhaa: ‘Baabilon qabamteetti.+

      Beel qaaneffameera.+

      Merodaak sodaateera.

      Fakkiiwwan ishii qaaneffamaniiru.

      Waaqoliin tolfamoon ishii warri balfamoo* taʼan sodaataniiru.’

       3 Sababiin isaas, sabni tokko kaaba irraa ishiitti dhufeera.+

      Inni biyya ishii bakka sodaachisaa ni godha;

      Eenyu iyyuu ishii keessa hin jiraatu.

      Namnis taʼe horiin achi keessaa baqateera;

      Isaan achii deemaniiru.”

  • Mulʼata 18:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye: “Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti;+ ishiin bakka jinniiwwan jiraatan, bakka hafuuronni xuraaʼoon hundi, simbirroonni xuraaʼoonii fi jibbisiisoon hundi keessa jiraatan taateetti!+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi