LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 21:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Mulʼanni hamaan tokko natti himameera:

      Inni gantuun gantummaa raawwachaa jira,

      Inni badiisa geessisus badiisa geessisaa jira.

      Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedon,+ itti marsi!

      Ani dhiphina ishiin geessiste hundumaa nan balleessa.+

  • Ermiyaas 50:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Sababiin isaas, kunoo ani biyya kaabaa irraa yaaʼii saboota guddaa tokko kaasee

      Baabilon irratti nan fida.+

      Isaan waraanaaf tarree galanii ishiitti ni dhufu;

      Ishiinis achiin ni qabamti.

      Xiyyawwan isaanii akkuma xiyya loltuu ti,

      Ijoollee malee isaan hambisu;+

      Isaan buʼaa malee hin deebiʼan.

  • Ermiyaas 51:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Xiyyawwan qaradhaa;+ gaachanootas qabadhaa.*

      Yihowaan Baabiloniin ona gochuu waan barbaadeef,

      Hafuura mootota Meedon kakaaseera.+

      Sababiin isaas, Yihowaan haaloo ni baʼa, inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo ni baʼa.

  • Daaniʼel 5:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Halkanuma sana Belshaazaar inni mootii Kaladootaa taʼe ni ajjeefame.+ 31 Achiis Daariyos+ inni nama biyya Meedon taʼe mootummaa isaa ni fudhate; umuriin isaa gara waggaa 62 ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi