-
Isaayyaas 20:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yihowaanis akkana jedhe: “Akkuma tajaajilaan koo Isaayyaas Gibxii+ fi Itoophiyaadhaaf+ mallattoo+ fi akeekkachiisa akka taʼutti waggaa sadiif qullaa isaa fi miila isaa duwwaa asii fi achi deemaa turetti, 4 mootiin Asooris namoota Gibxii fi namoota Itoophiyaa warra boojiʼaman+ ijoollee fi maanguddoota utuu hin jedhin qullaa isaanii fi miila isaanii duwwaa utuma hudduun isaanii mulʼatuu oofee ni fudhata; eeyyee, Gibxiin ni salphatti.
-
-
Ermiyaas 25:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaafuu, ani harka Yihowaa irraa xoofoo sana fuudhee saboota Yihowaan itti na erge hundumaa nan obaase;+
-
-
Ermiyaas 25:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 achiis Faraʼoon mootiin Gibxii, tajaajiltoonni isaa, bulchitoonni isaa fi guutummaan saba isaa,+
-
-
Ermiyaas 43:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa tajaajilaa koo taʼe nan waama;+ teessoo isaas dhagoota ani dhokse kanaa ol nan kaaʼa; innis dunkaana mootummaa isaa isaan irratti ni diriirsa.+ 11 Dhufees biyya Gibxii ni rukuta.+ Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan ni duʼa; namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuu, ni boojiʼama; namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuus, goraadeedhaan ni duʼa.+
-