LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 4:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Nan dhiphadhe,* nan dhiphadhe!

      Garaa koo* keessatti dhiphinni guddaan natti dhagaʼama.

      Onneen koo na keessatti ni rukuta.

      Sagalee xurumbaa,

      Sagalee mallattoo* waraanaa waanan dhagaʼeef,

      Calluma jechuu hin dandaʼu.+

  • Ermiyaas 8:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Gadda koo irraa jajjabaachuu hin dandeenye;

      Garaan koos dhukkubsateera.

      19 Biyya fagoodhaa,

      Intala saba kootii irraa iyyi gargaarsaaf dhihaatuu fi

      “Yihowaan Xiyoon keessa hin jiruu?

      Mootiin ishii hoo achi keessa hin jiruu?” jedhu ni dhagaʼama.

      “Isaan fakkiiwwan isaanii warra bocamaniin,

      Waaqolii ormaa isaanii warra gatii hin qabneenis kan na dheekkamsiisan maaliifi?”

  • Ermiyaas 9:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Maal taʼa mataan koo madda bishaanii,

      Ijji koos burqaa imimmaanii utuu taʼee!+

      Silaa warra saba koo keessaa ajjeefamaniif

      Halkanii guyyaa nan booʼan ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi