-
Baʼuu 19:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis Museen gara Waaqa dhugaatti ol baʼe; Yihowaanis gaaricha irraa isa waamee+ akkana isaan jedhe: “Mana Yaaqoobiin, jechuunis Israaʼelotaan akkana jedhi:
-
-
Ermiyaas 34:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Namoota kakuu yeroo jibicha bakka lamatti kutuudhaan gidduu isaa darbanitti na duratti galan raawwachuu dhiisuudhaan kakuu koo cabsan sana irratti,+ 19 jechuunis bulchitoota Yihudaa, bulchitoota Yerusaalem, abbootii taayitaa mana mootummaa, lubootaa fi namoota biyyattii hundumaa warra jibicha bakka lamatti kutame gidduu darban sana irratti akkana ni taʼa: 20 Ani harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee isaan nan kenna; reeffi isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.+
-