LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 9:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Inni warra lafa irra jiraataniif* qajeelummaadhaan murtii ni kenna;+

      Sabootaafis murtoo seeraa qajeelaa taʼe ni dabarsa.+

  • Faarfannaa 58:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Namni qajeelaan Waaqayyo yommuu haaloo baʼu waan arguuf ni gammada;+

      Miilli isaas dhiiga isa hamaatiin ni jiidha.+

      11 Achiis namoonni, “Namni qajeelaan badhaasa akka argatu beekamaa dha.+

      Dhuguma iyyuu, Waaqni lafa irratti murtii kennu jira” jedhu.+

  • Faarfannaa 85:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Amanamummaan lafa keessaa ni biqila,

      Qajeelummaanis samiiwwan irraa gad ni ilaala.+

  • Faarfannaa 85:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Qajeelummaan isa dura ni deema,+

      Adeemsa isaatiifis daandii ni qopheessa.

  • Faarfannaa 96:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Inni waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan,

      Inni lafatti murteessuuf ni dhufa.

      Inni addunyaa* irratti qajeelummaadhaan,

      Namoota irrattis amanamummaa isaatiin murtii ni kenna.+

  • Faarfannaa 97:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Duumessii fi duumessi gurraachi isatti marsanii jiru;+

      Buʼuurri teessoo isaa qajeelummaa fi haqa dha.+

  • Isaayyaas 61:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Akkuma lafti latiiwwan biqilchitutti,

      Akkuma iddoon biqiltuu wanti irratti facaafame akka latu godhutti,

      Yihowaan Gooftaa Ol Aanaanis,

      Qajeelummaanii+ fi ulfinni saboota hundumaa duratti akka latu ni godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi