LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 18:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Wanti wal fakkaatu nama qajeelaa fi nama hamaa irra akka gaʼuuf, nama qajeelaa nama hamaa wajjin ajjeesuudhaan tarkaanfii akkanaa matumaa hin fudhattu!+ Kun wanta hin yaadamne dha.+ Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?”+

  • Keessa Deebii 32:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu;+

      Daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha.+

      Inni Waaqa amanamaa+ matumaa haqa hin jalʼisne dha;+

      Inni qajeelaa fi sirrii dha.+

  • Faarfannaa 9:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Inni warra lafa irra jiraataniif* qajeelummaadhaan murtii ni kenna;+

      Sabootaafis murtoo seeraa qajeelaa taʼe ni dabarsa.+

  • Faarfannaa 98:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Inni lafa irratti murtii kennuuf waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan.

      Inni addunyaa* irratti qajeelummaadhaan,

      Namoota irrattis haqaan murtii ni kenna.+

  • Hojii Ergamootaa 17:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Sababiin isaas, inni nama muude sanatti fayyadamee namoota lafa irra jiraatan hunda irratti qajeelummaadhaan murteessuuf+ guyyaa tokko qopheesseera; isa duʼaa kaasuudhaanis namoota hundaaf wabii kenneera.”+

  • 2 Pheexiros 3:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Dubbii kanaan samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiranis ibiddaaf kaaʼamanii, hanga guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamaniitti+ eegamaa jiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi