LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

  • Hisqiʼel 9:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Innis akkana naan jedhe: “Balleessaan mana Israaʼelii fi mana Yihudaa baayʼee, baayʼee guddaa dha.+ Biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan,+ magaalattiinis hamminaan guutamteetti.+ Sababiin isaas isaan, ‘Yihowaan biyyattii dhiiseera, akkasumas Yihowaan hin argu’ jedhu.+ 10 Haa taʼu malee, ijji koo isaaniif hin gaddu; anis gara laafina isaanitti hin argisiisu.+ Miidhaa daandii isaaniitiin kan kaʼe dhufu mataa isaanii irratti nan fida.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi