LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 33:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yihowaan irra deddeebiʼee Minaasee fi saba isaatti kan dubbate taʼus, isaan garuu hin dhageenye.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

  • Nahimiyaa 9:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Ati gara Seera keetti isaan deebisuuf irra deddeebitee kan isaan akeekkachiiste taʼus, isaan garuu of tuultota taʼan; ajajawwan kees dhagaʼuu ni didan;+ dambiiwwan kee warra namni tokko yoo isaan eege lubbuudhaan ittiin jiraatu+ sana irrattis cubbuu ni raawwatan. Isaan mata jabinaan dugda isaanii sitti ni garagalchan; boqu jabeeyyii taʼan; dhaggeeffachuus ni didan.

  • Ermiyaas 7:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin garuu wantoota kana hundumaa raawwachuu keessan itti fuftan; ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin hin dhageenye.+ Irra deddeebiʼeen isin waame, isin garuu hin owwaanne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi