-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Ermiyaas 25:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Yosiyaas ilmi Amoon mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 13ffaa+ irraa jalqabee hamma guyyaa kanaatti, jechuunis waggoottan 23n kanaaf dubbiin Yihowaa gara koo kan dhufe yeroo taʼu, anis irra deddeebiʼee* isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye.+ 4 Kana malees, Yihowaan irra deddeebiʼee* tajaajiltoota isaa warra raajota taʼan hundumaa gara keessanitti kan erge taʼus, isin garuu isaan hin dhageenye yookiin gurra keessan isaanitti hin qabne.+
-