-
Ermiyaas 23:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+
Isaan isin gowwoomsaa* jiru.
Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+
Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+
17 Isaan warra na tuffataniin irra deddeebiʼanii,
‘Yihowaan, “Nagaa ni argattu” jedheera’ jedhu.+
Nama garaa isaa isa didaa taʼe duukaa buʼu hundumaatiinis,
‘Badiisni isin irra hin gaʼu’ jedhu.+
-
-
Hisqiʼel 13:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Utuu ani homaa hin dubbatin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jechuun keessan, mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?”’
-
-
Miikiyaas 2:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Namni tokko bubbee fi gowwoomsaa duukaa buʼee,
“Ani waaʼee daadhii wayinii fi waaʼee dhugaatii alkoolii siif nan lallaba” jedhee soba yoo dubbate,
Inni lallabduu wanta saba kana gammachiisu dubbatu taʼa!+
-