-
Amoos 2:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Yihudaan siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa tuffataniiru,+
Dambiiwwan isaas hin eegne;
Haa taʼu malee, sobni abbootiin isaanii duukaa buʼan sun karaa irraa isaan jalʼiseera.+
5 Kanaafuu, ani Yihudaatti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata.’+
-