LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 12:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Sagalee Yihowaatiif ajajamuu diddanii ajaja Yihowaa yoo mormitan garuu, harki Yihowaa isinii fi abbootii keessan ni adaba.+

  • 1 Seenaa Baraa 28:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+

  • Ermiyaas 17:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “‘“Isin guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii eeguu dhiisuudhaan, guyyaa Sanbataatti baʼaawwan baachuudhaan, akkasumas karaa karrawwan Yerusaalem isaan galchuudhaan naaf ajajamuu yoo diddan garuu, ani karrawwan ishii ibiddaan nan guba; ibiddichis dhugumaan masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata,+ hin dhaamus.”’”+

  • Ermiyaas 37:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Kaladoonnis deebiʼanii dhufanii magaalaa kana waraananii ishii ni qabatu, ibiddaanis ishii ni gubu.”+

  • Ermiyaas 52:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+

  • Hoseʼaa 8:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfateera,+ manneen qulqullummaas ijaarrateera,+

      Yihudaan magaalota dallaa dhagaa qaban baayʼifateera.+

      Haa taʼu malee, ani magaalota isaatti ibidda nan erga,

      Innis masaraawwan tokkoon tokkoon isaanii gubee ni fixa.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi