LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 49:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Isin samiiwwan ililchaa, atis yaa lafaa gammadi.+

      Gaaronni ililchuudhaan haa gammadan.+

      Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa jajjabeesseera,+

      Namoota isaa warra cunqurfamanittis gara laafina ni argisiisa.+

  • Isaayyaas 51:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Yihowaan Xiyooniin ni jajjabeessa.+

      Inni diiggaawwan ishii hundumaa ni jajjabeessa,+

      Lafa onaa ishii akkuma Eedan,+

      Gammoojjii ishiis akkuma iddoo biqiltuu Yihowaa ni godha.+

      Gammachuunii fi ililchi,

      Galannii fi faarfannaan namatti tolus ishii keessatti ni argama.+

  • 2 Qorontos 1:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos+ isa Abbaa gara laafina guddaa+ fi Waaqa jajjabina hundaa+ taʼeef galanni haa taʼu; 4 inni jajjabina isa irraa argannuun+ warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf+ rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi