4 ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, meeshaawwan waraanaa harka keessan irra jiran warra isin mootii Baabilonii fi Kaladoota dallichaa alatti isinitti marsanii jiran ittiin waraantan sana isinuma irratti nan deebisa.+ Wantoota kanas magaalaa kana gidduutti walitti nan qaba.