-
Ermiyaas 19:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+
-
-
Ermiyaas 44:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isinis taatan haadhotiin manaa keessan, wanta afaan keessaniin dubbattan harka keessaniin raawwattaniittu; sababiin isaas isin, “Kakuu Mootuu Samiitiif* aarsaawwan dhiheessuu fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf dhangalaasuuf galle dhugumaan ni raawwanna” jettaniittu.+ Isin dubartoonni dhugumaan kakuu keessan ni raawwattu, hojii irras ni oolchitu.’
-