LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 7:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Mootuu Samiitiif* bixxillee aarsaadhaaf taʼu tolchuuf, ijoolleen dhiiraa qoraan funaanu, abbootiin ibidda qabsiisu, haadhotiin manaas bukoo bukeessu;+ na dheekkamsiisuufis waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii ni dhangalaasu.+

  • Ermiyaas 19:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+

  • Ermiyaas 44:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isinis taatan haadhotiin manaa keessan, wanta afaan keessaniin dubbattan harka keessaniin raawwattaniittu; sababiin isaas isin, “Kakuu Mootuu Samiitiif* aarsaawwan dhiheessuu fi aarsaawwan dhugaatii ishiidhaaf dhangalaasuuf galle dhugumaan ni raawwanna” jettaniittu.+ Isin dubartoonni dhugumaan kakuu keessan ni raawwattu, hojii irras ni oolchitu.’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi