LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 7:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Mootuu Samiitiif* bixxillee aarsaadhaaf taʼu tolchuuf, ijoolleen dhiiraa qoraan funaanu, abbootiin ibidda qabsiisu, haadhotiin manaas bukoo bukeessu;+ na dheekkamsiisuufis waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii ni dhangalaasu.+

  • Ermiyaas 44:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Dhiironni haadhotiin manaa isaanii waaqolii kan birootiif aarsaa dhiheessaa akka turan beekan hundii fi haadhotiin manaa achi dhaabbachaa turan hundi, warri tuuta guddaa taʼan, akkasumas namoonni biyya Gibxii,+ jechuunis Phaatros+ keessa jiraachaa turan hundi akkana jedhanii Ermiyaasiif deebisan:

  • Ermiyaas 44:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaa mannaa, dubbii afaan keenya dubbate hundumaa dhugumaan ni raawwanna; akkuma nutis taane abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi bulchitoonni keenya magaalota Yihudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti gochaa turretti Mootuu Samiitiif* aarsaawwan ni dhiheessina, aarsaawwan dhugaatiis ishiidhaaf ni dhangalaasna;+ yeroo sanatti nuti nyaata ni quufna turre, sooreyyii turre, badiisni tokko illees nu irra hin gaʼu ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi