LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 5:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yeroo warri malakata afuufanii fi warri faarfatan tokkummaadhaan Yihowaa jajatanii fi galateeffatanitti, akkasumas yeroo isaan sagalee malakataa, sagalee siimbaalii fi sagalee meeshaawwan muuziqaa dhageessisanii, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii Yihowaa jajanitti, manichi, jechuunis manni Yihowaa duumessaan ni guutame.+

  • Izraa 3:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan inni Israaʼeliif qabu bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii wal harkaa fuudhanii+ Yihowaa jajachuu fi galateeffachuu jalqaban. Buʼuurri mana Yihowaa waan kaaʼameefis, sana booda guutummaan sabichaa sagalee guddaadhaan Yihowaa ni jajate.

  • Faarfannaa 106:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 106 Yaahiin jajadhaa!*

      Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;

      Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+

  • Isaayyaas 12:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Guyyaa sanattis akkana jettu:

      “Yihowaadhaaf galata galchaa, maqaa isaas waammadhaa,

      Gochawwan isaa saboota gidduutti beeksisaa!+

      Maqaan isaa ol qabamuu isaas labsaa.+

  • Miikiyaas 7:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Waaqni akka keetti

      Warra dhaala isaa keessaa hafaniif+ balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?+

      Inni jaalala amanamaatti waan gammaduuf,

      Bara baraaf akkuma dheekkametti itti hin fufu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi