6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+
13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+