-
2 Mootota 25:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Dallaan magaalattii ni diigame;+ Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; mootichis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼee deeme.+ 5 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+
-
-
Ermiyaas 52:7-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Dhuma irrattis dallaan magaalattii ni diigame; Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 8 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu Zedeeqiyaa+ Mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 9 Achiis mooticha qabanii gara mootii Baabilon isa biyya Hamaat keessatti Riblaatti argamutti fidan; innis isa irratti ni murteesse. 10 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼe; bulchitoota Yihudaa hundumaas Riblaatti ni gorraʼe. 11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.
-