-
Ermiyaas 39:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa fi loltoonni hundi yommuu isaan argan karaa iddoo biqiltuu mootichaa, karra dallaa lamaan gidduutti argamuun halkaniin magaalattii keessaa baʼanii baqatan;+ achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+
-