LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 21:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, meeshaawwan waraanaa harka keessan irra jiran warra isin mootii Baabilonii fi Kaladoota dallichaa alatti isinitti marsanii jiran ittiin waraantan sana isinuma irratti nan deebisa.+ Wantoota* kanas magaalaa kana gidduutti walitti nan qaba.

  • Ermiyaas 39:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa 11ffaatti, waggicha keessaa jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti dallaa magaalattii ni diigan.+

  • Ermiyaas 39:4-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa fi loltoonni hundi yommuu isaan argan karaa iddoo biqiltuu mootichaa, karra dallaa lamaan gidduutti argamuun halkaniin magaalattii keessaa baʼanii baqatan;+ achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+

  • Hisqiʼel 33:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo dheeraa booda, boojiʼamnee waggaa 12ffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti namni Yerusaalem irraa miliqe tokko gara koo dhufee,+ “Magaalattiin rukutamteetti!” naan jedhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi