-
1 Mootota 11:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates. 3 Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.*
-