-
Ermiyaas 31:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Ani biyya kaabaatii deebisee isaan nan fida.+
Andaara lafaa irraas walitti isaan nan qaba.+
Isaan gidduus inni qaro dhabeessii fi inni naafti,+
Dubartiin ulfaa fi ishiin daʼuu jala geesse walumaan ni jiraatu.
Isaan gumii guddaa taʼanii asitti ni deebiʼu.+
9 Isaan booʼaa ni dhufu.+
Fudhatama argachuuf yommuu kadhatanitti deebisee isaan nan fida.
Gara yaaʼaawwan bishaaniitti isaan nan fida,+
Daandii wal qixa taʼee fi isaan hin gufachiisne irra isaan nan geggeessa.
Sababiin isaas, ani Abbaa Israaʼeli, Efreemis ilma koo isa angafaa ti.”+
-