LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 11:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Akkuma guyyaa Israaʼel biyya Gibxii keessaa baʼetti taʼe,

      Saba isaa warra hafanii fi achii baʼaniifis+ daandii guddaan+ Asoor keessaa baʼu tokko ni jiraata.

  • Isaayyaas 65:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Saba koo warra na barbaaddataniif,

      Shaaron+ iddoo hoolonni itti dheedan,

      Sululli* Akooris+ bakka loon itti boqotan ni taʼa.

  • Ermiyaas 23:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Achiis hoolota koo warra hafan biyyoota ani itti isaan bittinneesse hundumaa irraa walitti nan qaba;+ gara kaloo isaaniitti isaan nan deebisa;+ isaanis ni horu, ni baayʼatus.+

  • Ermiyaas 33:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Warra Yihudaa keessaa boojiʼamanii fi warra Israaʼel keessaa boojiʼaman deebisee nan fida;+ akkuman jalqaba godhettis isaan nan ijaara.+

  • Hisqiʼel 34:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani bakka dheedichaa gaarii taʼe keessatti isaan nan soora; isaanis gaarota Israaʼel warra ol kaʼoo taʼan irra ni dheedu.+ Isaan achitti lafa dheedichaa gaarii taʼe keessa ni ciciisu;+ gaarota Israaʼel irrattis kaloowwan filatamoo taʼan ni dheedu.”

  • Miikiyaas 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;

      Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+

      Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,

      Akkuma bushaayee kaloo isaanii irra jiraniitti walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha;+

      Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi