-
Hisqiʼel 23:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Kanaafuu, yaa Oholibaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani warra si jaallatan, warra ati* jibbitee irraa garagalte sana nan kakaasa;+ kallattii hundumaa irraas si irratti isaan nan fida;+ 23 ilmaan Baabilonii+ fi Kaladoota+ hundumaa, namoota Pheeqod,+ namoota Shoʼaa fi namoota Qoʼaa ilmaan Asoor hundumaa wajjin si irratti nan fida. Hundi isaanii dargaggoota mimmiidhagoo, bulchitoota, bulchitoota gad aanoo, loltootaa fi namoota of eeggannoodhaan filataman* yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu farda gulufuu irratti dandeettii kan qabani dha.
-