-
Isaayyaas 13:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Aarii guddaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin, guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti,
Samiiwwan akka jeeqaman,
Laftis iddoo ishiitii akka raafamtu kanan godhu kanaafi.+
-
-
Ermiyaas 50:39, 40Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Kanaafuu, uumamawwan gammoojjii bineensota caraananii wajjin ni jiraatu,
Guchiiwwanis ishii keessa ni jiraatu.+
Ishiin kana booda matumaa bakka namni keessa jiraatu hin taatu,
Dhaloota hundumaa keessattis bakka jireenyaa hin taatu.”+
40 Yihowaan akkana jedha: “Akkuma yeroo Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas magaalota ollaa isaanii turan garagalchetti+ taʼe, eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu.+
-