- 
	                        
            
            Uumama 8:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
8 Haa taʼu malee, Waaqayyo Nohiin, bineensota bosonaa fi beeladoota isaa wajjin doonicha keessa jiran hundumaa ni yaadate;+ Waaqayyos lafa irratti bubbeen akka bubbisu godhe; bishaanichis hirʼachuu jalqabe.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Lakkoofsa 11:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
31 Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa dimbiriqqee* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Yoonaas 1:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
4 Achiis Yihowaan galaanicha irratti bubbee cimaa ni kaase; obomboleettiin sun baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe doonichi caccabuu jala gaʼe.
 
 -