-
Ermiyaas 23:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa raajota ilaalchisee akkana jedha:
“Kunoo, isaan hadheessa akka nyaatan nan godha,
Bishaan summaaʼaa akka dhuganis isaaniif nan kenna.+
Sababiin isaas, raajonni Yerusaalem guutummaa biyyattii keessatti gantummaa babalʼisaniiru.”
-
-
Hisqiʼel 13:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+
-