10 Achiis Baaruk utuma namoonni sun hundi isa dhagaʼanii mana Yihowaa keessatti, kutaa Gemaariyaa+ ilma Shaafaan+ isa garagalchituu taʼe sanaa keessatti, mooraa isa olii keessatti, karra mana Yihowaa isa haaraa duratti+ sagalee isaa ol kaasee maraa kitaabaa sana irraa dubbii Ermiyaas ni dubbise.