- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 34:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
20 Achiis mootichi Hilqiyaadhaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Abdoon ilma Miikiyaasiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 21 “Abbootiin keenya wanta kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa eeguudhaan dubbii Yihowaatiif waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti dhangalaʼu guddaa dha; kanaafuu, dhaqaatii dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, akkasumas warra Israaʼelii fi Yihudaa keessatti hafan bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 39:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Kanaafuu, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, Nebushaazbaan Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas namoonni mootii Baabilon warri beekamoo taʼan hundi namoota erganii 14 Ermiyaasiin Mooraa Eegdotaa keessaa baasanii+ gara mana isaatti akka isa geessuuf Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaanitti+ dabarsanii isa kennan. Kanaafuu, inni sabicha gidduu ni jiraate.
 
 -