LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 22:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis mootichi Hilqiyaa lubichaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Akboor ilma Mikaayaatiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 13 “Abbootiin keenya dubbii kitaaba kana keessatti waaʼee keenya barreeffame hundumaa eeguudhaan waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti bobaʼe guddaa dha;+ kanaafuu, dhaqaa, dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, sabichaa fi guutummaa Yihudaa bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”

  • Ermiyaas 39:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kanaafuu, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, Nebushaazbaan Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas namoonni mootii Baabilon warri beekamoo taʼan hundi namoota erganii 14 Ermiyaasiin Mooraa Eegdotaa keessaa baasanii+ gara mana isaatti akka isa geessuuf Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaanitti+ dabarsanii isa kennan. Kanaafuu, inni sabicha gidduu ni jiraate.

  • Ermiyaas 40:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Nebuzaradaan, Ermiyaas of duuba deebiʼuu isaa dura, “Gara Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaan+ isa mootiin Baabilon magaalota Yihudaa irratti muude sanaatti deebiʼiitii isaa wajjin uummaticha gidduu taaʼi; yookiin immoo bakka filatte dhaqi” isaan jedhe.

      Achiis ajajaan waardiyyootaa sun galaa fi kennaa erga isaaf kennee booda isa geggeesse.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi