LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Haa taʼu malee, garaan kee karaa irraa yoo gore,+ atis dhagaʼuu diddee gowwoomfamuudhaan waaqolii kan birootiif yoo sagaddee fi yoo isaan tajaajilte,+ 18 ati dhugumaan akka baddu harʼa sittan hima.+ Biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetu sana keessatti bara dheeraa hin jiraattu.

  • Keessa Deebii 31:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+

  • Keessa Deebii 31:24-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Museen guutummaa dubbii Seera kanaa kitaaba tokko irratti barreessee+ akkuma xumureen, 25 Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baatan akkana jedhee ajaje: 26 “Kitaaba Seerichaa+ kana fuudhaatii taabota+ kakuu Waaqa keessan Yihowaa bira kaaʼaa; innis achitti isin irratti ragaa baatuu ni taʼa.

  • Iyyaasuu 1:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi