-
Ermiyaas 23:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Ani raajota hin ergine, isaan garuu ni fiigan.
Ani isaanitti hin dubbanne, isaan garuu raajii dubbatan.+
-
-
Ermiyaas 29:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Raajonni keessanii fi warri hooda isiniif dubbatan kanneen isin gidduutti argaman isin hin gowwoomsin;+ abjuu isaan abjuʼatanis hin dhagaʼinaa. 9 Sababiin isaas, ‘Isaan maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru. Ani isaan hin ergine’+ jedha Yihowaan.”’”
-
-
Hisqiʼel 13:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Warri utuu Yihowaan isaan hin ergin, ‘Dubbiin Yihowaa akkana jedha’ jedhan, mulʼanni isaan arganii fi raajiin isaan dubbatan soba dha; taʼus isaan dubbiin isaanii akka raawwatamu eeganiiru.+
-