LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kanaan kan kaʼes, isin foon ijoollee dhiiraa fi foon ijoollee durbaa keessanii nyaachuuf dirqamtu.+

  • Keessa Deebii 28:53-57
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 53 Achiis magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinni kee waan si dhiphisuuf ijoollee kee,* foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kenne sanaa nyaachuuf dirqamta.+

      54 “Isin gidduudhaa namni hundumaa caalaa garraamii taʼee fi qananiitti guddate illee obboleessa isaatiif yookiin haadha manaa isaa ishii jaallatuuf yookiin ilmaan isaa warra hafaniif hin gaddu; 55 inni magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe, wanta kan biraa waan hin qabneef, foon ilmaan isaa isa nyaatu sana irraa homaa isaaniif hin kennu.+ 56 Isin gidduudhaa dubartiin hundumaa caalaa garraamii taate, qananiitti guddattee fi faana miila ishiitiin lafa ejjechuu hin barbaanne+ illee abbaa manaa ishii isa jaallattuuf yookiin ilma ishiitiif yookiin intala ishiitiif hin gadditu; 57 obbaatii luka ishii gidduudhaa baʼuu fi ilmaan deesseef illee hin gadditu; sababiin isaas, magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe ishiin dhoksaatti isaan ni nyaatti.

  • Ermiyaas 19:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Dhiibbaa, akkasumas dhiphina diinonni isaanii fi warri lubbuu isaanii balleessuu barbaadan* isaan irra geessisaniin kan kaʼe, foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii akka nyaatan nan godha; tokkoon tokkoon isaaniis foon namaa ni nyaatu.”’+

  • Faaruu Ermiyaas 4:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Dubartoonni gara laafeyyii taʼan harkuma isaaniitiin ijoollee isaanii affeelan.+

      Isaan, yeroo caba intala saba kootiitti nyaata gaddaa isaaniif taʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi