-
Ermiyaas 25:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, waggaan 70ni kun yommuu xumuramutti+ ani mootii Baabilonii fi saba sana balleessaa isaaniitiif nan adaba;+ biyyi Kaladootaas yeroo hundumaatiif ona akka taatu nan godha.+ 13 Anis dubbii koo isan ishii irratti dubbadhe hundumaa, jechuunis raajii Ermiyaas saboota hundumaa irratti dubbate isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa biyya sana irratti nan fida. 14 Saboonni hedduunii fi mootonni guguddoon+ isaan garboomfatu;+ anis akka gocha isaaniittii fi akka hojii harka isaaniitti isaaniif nan deebisa.’”+
-