LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 49:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Edoomis wanta sodaachisu ni taati.+ Namni ishii bira darbu hundi sodaadhaan ishii ilaala, dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa. 18 Akkuma yeroo Sodoomii fi Gomoraan, akkasumas magaalonni ollaa isaanii turan garagalfamanitti taʼe,+ eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu”+ jedha Yihowaan.

  • Hisqiʼel 25:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+

  • Miilkiyaas 1:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Edoom, ‘Nuti caccabneerra; taʼus, ni deebina, isa diigames ni ijaarra’ yoo jedhe illee, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan ni ijaaru, taʼus ani nan diiga; isaanis “naannoo hamminni itti raawwatamuu” fi “saba Yihowaan bara baraaf balaaleffatu” jedhamanii ni waamamu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi