-
Hisqiʼel 25:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+
-
-
Hisqiʼel 36:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana isaaniin jedha: ‘Ani namoota saboota keessaa lubbuudhaan oolanii fi Edoomota hundumaa warra iddoo dheedichaa ishii fudhachuu fi biyyattii saamuudhaaf gammachuu guddaa fi tuffii cimaadhaan*+ biyya koo akka qabeenya isaaniitti ilaalan irratti ibidda hinaaffaa kootiin+ nan dubbadha.’”’+
-