LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hisqiʼel 25:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+

  • Hisqiʼel 35:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Yihowaan achi kan jiru taʼus ati, ‘Saboonni kun lamaanii fi biyyoonni kun lamaan kan koo ni taʼu; nutis lamaan isaanii iyyuu dhaala godhannee fudhanna’+ waan jetteef, 11 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, jibba isaaniif qabduun kakaatee aarii fi hinaaffaa akkuma argisiistetti anis akkanuma si irratti nan godha;+ yommuun si irratti murteessuttis isaan gidduutti of nan beeksisa.

  • Amoos 1:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+

      Gara laafina argisiisuus dideera;

      Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,

      Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi