-
Leewwota 26:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Waqtiin midhaan itti dhooftan hamma yeroo firiin wayinii itti sassaabamuutti tura; yeroon firiin wayinii itti sassaabamus hamma yeroo midhaan itti facaafamuutti tura; isinis nyaata keessan nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis biyya keessan keessa jiraattu.+ 6 Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa;+ namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu;+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu.
-