-
Lakkoofsa 3:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Gosa Leewwii+ gara fuulduraatti dhiheessiitii Aaron lubicha dura isaan dhaabbachiisi; isaanis isa ni tajaajilu.+ 7 Isaan tajaajila isaanii isa godoo qulqulluu wajjin wal qabate raawwachuudhaan, itti gaafatamummaa isaa fi guutummaa yaaʼichaatiif qaban dunkaana walgaʼii duratti ni raawwatu. 8 Isaan miʼawwan dunkaana walgaʼii hundumaa ni kunuunsu;+ tajaajila godoo qulqulluu ilaallatu raawwachuudhaanis itti gaafatamummaa Israaʼelota ilaalchisee qaban ni raawwatu.+
-
-
1 Seenaa Baraa 9:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+
-