LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 3:6-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Gosa Leewwii+ gara fuulduraatti dhiheessiitii Aaron lubicha dura isaan dhaabbachiisi; isaanis isa ni tajaajilu.+ 7 Isaan tajaajila isaanii isa godoo qulqulluu wajjin wal qabate raawwachuudhaan, itti gaafatamummaa isaa fi guutummaa yaaʼichaatiif qaban dunkaana walgaʼii duratti ni raawwatu. 8 Isaan miʼawwan dunkaana walgaʼii hundumaa ni kunuunsu;+ tajaajila godoo qulqulluu ilaallatu raawwachuudhaanis itti gaafatamummaa Israaʼelota ilaalchisee qaban ni raawwatu.+

  • 1 Seenaa Baraa 9:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+

  • Faarfannaa 134:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 134 Isin tajaajiltoonni Yihowaa hundi,+

      Isin warri halkan mana Yihowaa keessa dhaabbattan,

      Yihowaa jajadhaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi