-
Hisqiʼel 45:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 “‘Yommuu biyyattii dhaala gootanii hihirtanitti+ biyyattii keessaa gaʼee qulqulluu taʼe tokko Yihowaadhaaf buusii godhaa kennaa.+ Innis dheerinni isaa dhundhuma* 25,000, dalgi isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼuu qaba.+ Guutummaan iddoo sanaa* qooda qulqulluu ni taʼa. 2 Iddoo kana keessas qoodni iddoo qulqulluu rogarfee taʼee fi dheerinni isaa dhundhuma 500, dalgi isaas dhundhuma 500* taʼe tokko ni jiraata;+ innis kallattii hundumaatiin iddoo dheedichaa dhundhuma 50 balʼatu qabaata.+
-