-
Leewwota 8:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+ 19 Achiis Museen isa qalee dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase. 20 Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe. 21 Achiis marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin dhiqee korbeessi hoolaa sun guutummaatti iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisu* dha. Kun akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.
-
-
Hisqiʼel 45:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Lubichis dhiiga horii aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa irraa muraasa isaa fuudhee maqaanii mana qulqullummaa,+ goleewwan baattuuwwan iddoo aarsaatti marsanii jiran sana arfanii fi maqaanii karra mooraa isa keessaa irratti ni diba.
-