LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:36, 37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Guyyaa guyyaadhaan aarsaa cubbuu gootee jibicha sana ni dhiheessita. Kunis dhiifama gaafachuu fi iddoo aarsaa sana qulqulluu gochuuf gargaara. Kana malees, iddoon aarsaa sun waaqeffannaa Waaqayyootiif adda baʼuu isaa argisiisuuf iddoo aarsaa sana irratti zayitii facaasta.+ 37 Iddoo aarsaa sanaaf araara argamsiisuuf guyyaa torba ramadda; iddoo aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu akka taʼuufis isa qulqulleessi.+ Namni iddoo aarsaa kana tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼuu qaba.

  • Leewwota 8:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Museenis isa qalee dhiiga+ isaa irraa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa kallattii hundumaatiin argaman sana ni dibe; iddoo aarsaa sanas cubbuu irraa ni qulqulleesse; dhiiga isa hafe garuu iddoo aarsaa jalatti dhangalaase; akka kanaan achi irratti araarri akka argamuuf iddoo aarsaa sana qulqulleesse.

  • Ibroota 9:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Kanaafuu, warri wantoota samii keessa jiraniif fakkeenya taʼan akka kanaan qulqulleeffamuun isaanii barbaachisaa ture;+ wantoonni samii garuu aarsaan kana irra baayʼee caalu isaan barbaachisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi